Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Godina Baaleef deggarsa Birrii miiliyoona 20 taasise
Finfinnee, Gurraandhala 19, 2014 (FBC) – Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Godina Baalee Bahaatti namoota hongeen miidhamaniif deggarsa Birrii miiliyoona 20 taasise.
Baankichi midhaan nyaataa namaa fi beelladaa Birrii miliyoona 20 tti tilmaamamu taasisuu ibsameera.
Deeggarsichaan miidhaan nyaataa kuntaala kuma 2, nyaata madaalamaa 400, Zayitaa nyaataa Liitira kuma 40 fi nyaataa beeyladaa beelii kuma 20 taasifameera.
Bulchaan Godina Baalee Bahaaa obbo Isheetuu Baqqalaa deeggarsa taasifameef galateeffachuun baankichi kanaan duras hawaasa godinichaa hongeef saxilame deggaruun hojii guddaa hojjechaa turuu ibsaniiru.
Deggarsi taasifame aanaalee godinicha hongeef saaxilaman kanneen akka aanaalee Sawweenaa, Raayituu, Daawwee Sararii fi Daawwe Qaachaniif kan oolu ta’uu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.