Maddi anniisaa Humna Qilleensaa Ayishaa anniisaa Meegaa Waatii 40 maddisiisuuf qophiin xumurame
Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Naannoo Somaaleetti ijaarramaa kan jiru maddi anniisaa Humna Qilleensaa Ayishaa anniisaa Meegaa Waatii 40 maddisiisuuf qophiin xumuramuu ibsameera.
Maddichi waliigala Yuunitiiwwan 48 kan qabu yoo ta’u, yeroo ammaa 32 dhaabbataniiru.
Yuunitiiwwan 32n keessaa 16 anniisaa maddisiisuuf qophii ta’uu ibsameera.
Yuunitiin tokko humna elektirikaa Meegaa Waatii 2.5 kan maddisiisu yoo ta’uu, wayita hojiin isaa xumurame proojektichi waliigala Meegaa Waatii 120 maddisiisuu danda’a jedhame.
Ijaarsa Proojektii madda anniisaa humna Qilleensaa Ayishaa baatiwwan 18 keessatti xumuruuf eegalamus sababoota adda addaan waggoota 4f turuu bakka bu’aan Oppireeshinii proojektichaa Indiriis Gazzuun ibsaniiru.
Jilli ministira Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittifaan durfamu ijaarsa proojektichaa daawwateera.
Maddi:- Fatiyyaa Abdallaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.