Fana: At a Speed of Life!

Jilli Preezidaant Shimallis Abdiisaan durfamu, projektoota godiinaalee Shawaa Lixaa fi Shawaa Kibba Lixaa keessatti hojjetamaa jiran daawwate

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Jilli Preezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu, projektoota garaagaraa godiinaalee Shawaa Lixaa fi Shawaa Kibba Lixaa keessatti hojjetamaa jiran daawwate.

Projektoonni Daandii Asfaaltii Gudar-Amboo fi Daandii Magaalaa Amboo keessa keessaa daawwatamaniiru.

Jillichi Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa fi Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaa waliin ta’uun projektiiwwan kanneen  daawwataniiru.

Projektiin daandii Magaalaa Gudar- Amboo  dheerina kiilomeetira 19 qabu   bara 2013 dhagaan bu’uuraa kaa’amuun hojiin ijaarsasaa eegalamuu ibsameera.

Baajata Birri biiliyoona 1 fi miiliyoona 38’n ijaaruuf kan karoorfame yoo ta’u ijaarsisaa yeroo ammaa % 20 irra gaheera.

Projektoonni gurguddoon Gudar-Amboo hoggantootaa fi qaamolee qindoominaan hojjetaniin daawwatamuun projekticha saffisiisuuf gahee olaanaa qabaachuu Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaatti, Ittaanaan Hojii  Raawwachiisaa fi Hoogganaan Damee Ijaarsa Bu’uuraalee Geejjibaa Injinaar Ashannaafii Dhaabaa ibsaniiru.

Prezidaant Shimallis sadarkaa projektoonni kunneen irra  jiran daawwachuun, hojii raawwachiistootaaf kallattii fuula duraa kennuu isaanii OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.