Fana: At a Speed of Life!

Duulli Raashiyaan Yuukreen Doonbaasitti gaggeessaa jirtu guyyaa 2ffaan itti fufe

Finfinnee,Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Duulli addaa Raashiyaan Yuukreen Doonbaasitti gaggeessaa jirtu guyyaa 2ffaan itti fufuu ibsameera.


Har’as dhoo’insi olaanaan magaalaa gidduttii Yuukreen Keeyivitti dhaga’amaa jiraachuu himameera.
Raashiyaan haleellaa Misaa’eela Baalastiikaa Keeyivirratti raawwatte jechuun Yuukreen Raashiyaa himachaa jirti.
Gama biroon Yuukreen Raashiyaa waliin karaa walaba ta’een mari’achuuf qophii ta’uu Preezdaantiin biyyattii Vooloodmiir Zeenaliskiin ibsaniiru.
Preezdaantich ibsa har’a laataniin, deeggarsa tokko malee Raashiyaa waliin falmaa jirra, weerara Raashiyaa qolachuufis ta’ee mari’achuuf hin sodaannu, yaa ta’uu wabiin nageenyaa barbaachisaadha jedhan.
Yuukreen balaarra jiraachuu ishee biyyoota Lixaaf beeksifnus, biyyi Yuukreen deeggaruuf fedhii agarsiise hin jiru jedhan ibsa isaaniin.
Biyyoonni Lixaa cinaa Yuukreen ta’uu ibsanis, NATO dabalatee biyyoonni Lixaa qabatamaan Yuukreen deeggaran hin muul’anne jedhaniiru.
Biyyoonni Awurooppaa deeggarsa akka taasiisan hoggantoota 27 waliin mari’atanis, hanga ammaatti kan deebii laate hin jiru jedhan.
‘Yeroo ammaa qofaa keenyatti hafneerra, qaamni nuuf jedhee gara waraanaatti galuuf qophaa’e hin jiru, miseensonni NATO wabii nuuf ta’uuf qophaa’aan hin jiran’ jedhan ibsa har’a laataniin.
Yuukreen giddu seentummaa tokko malee karaa walaba ta’een Raashiyaa waliin mari’achuuf qophii ta’uu ishee ibsaniiru.
Maricha gaggeessuuf wabiin qaama 3ffaa kan hin barbaachifne ta’uu ibsuu isaanii TRT gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.