Fana: At a Speed of Life!

Projektiiwwan Baankii Addunyaa hariiroo naannawichaa cimsuuf faayidaa  olaanaa qabu-  Dooktar Bakar Shaallee

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Projektiiwwan Baankii Addunyaa qulqullina damee barnootaa fi leenjii mirkaneessuun cinaatti hariiroo naannawichaa cimsuuf  faayidaa olaanaa kan qaban ta’uu Ministeera Hojii fi Kalaqaatti Ministir Deetaan damee Teekinikaa fi Ogummaa Dooktar Bakar Shaalleen ibsan.

Gamagammni waloo hojii Projektiiwan Baankii Addunyaa fi raawwii faayinaansii mootummaa Ityoophiyaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Waltajjichaan Baankii Addunyaan hojiirra kan oolu raawwii hojiin Projektii Hariiroo Naannawaa Afrikaa Bahaa (EASTRIP), Ministeera Maallaqaa fi  Ministeera Hojii fi Kalaqaa bakka hoggantoonni olaanoon Baankii Addunyaa argamanitti gamaggamamuu ibsameera.

Bajata waliigalaa projektichaaf qabame keessaa %70 kan ta’u dhaabbilee Teekinikaa fi Ogummaa keessatti giddugalawwan beekumsaa ijaaruuf kan oolan ta’uu Ityoophiyaatti qindeessituun projektichaa Qaalkidaan Taaddasaa ibsaniiru.

Adeemsa hanga ammaatiin Ityoophiyaatti giddugalawwan beekumsaa ijaaraman 7 keesaa 6 hojiin diizaayinii isaanii xumuramee hojiin qaamolee ijaarsaa caalbaasiin adda baasuurra kan jiru ta’uu eeraniiru.

Ministeera Hojii fi Kalaqaatti Ministir Deetaan damee Teekinikaa fi Ogummaa Dooktar Bakar Shaalleen gamasaaniin Projektichi qulqullina damee barnootaa fi leenjii mirkaneessuun cinaatti hariiroo naannawichaa cimsuuf  faayidaa olaanaa kan qaban ta’uu eeruun rakkoolee maallaqaa fi bakkaan walqabatanii mudatan sirreessuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Kaayyoon projektichaa uwwisa sagantaalee Teekinikaa fi Ogummaa guddisuu, qulqullina fooyyessuu fi hariiroo naannawaa cimsuu ta’uu ibsamera.

Projektichi Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Baha Afrikaa sadii keessatti hojiirra oolaa jiraachuu ibsamera.

Deeggarsa maallaqaa Baankii Addunyaan hojiirra kan oolu projektichi dhaabbilee teekinikaa fi ogummaa 16 keessatti giddugalawwan beekumsaa ijaarsisaa jiraachuu fi kanneen keessaa 7 Ityoophiyaa keessatti kan argaman ta’uu eerameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.