Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaroonni hojii ergama itti kenname madaalu hojjechuu qabu- Obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Ambaasaaddaroonni hojii ergama biyyaalessaa itti kenname madaalu hojjechuu akka qaban Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ibsan.

Obbo Dammaqaan kana kan jedhan leenjii Ambaasaaddaroota dhiyeenya muudamaniif kennamaa jirurratti ta’uu ibsameera.

Ambaasaaddaroonni gara biyyoota garaagaraatti bobba’an fedhii jijijjiiramaa addunyaa haala ilaalcha keessa galcheen qophii gahaa taasisuun ergamasaanii haalaan ba’achuu akka qaban dubbataniiru.

Bakka deeman haalaan beekuunii fi daawwachuun  fedhii biyyaalessaa Ityoophiyaa kabachiisuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Waggaa darbe dhiibbaawwan dippiloomaasii kabaja birmadummaa Ityoophiyaatti bu’uu barbaadan turuu fi dhiibbaawwan kanneen deeggarsa cimaa uummataa fi diyaaspooraa, qabsoo qaamolee nageenyaa fi ejjennoo cimaa mootummaan ceeneerra jedhan.

Rakkoolee fuulduratti nu mudatan fedhii jijijjiiramaa biyyootaa hubachuun hojii cimaa hojjechuu qabna jedhaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.