Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti rakkoolee raawwii projektootaan walqabatan hambisuuf hoggansi kutannoon hojjechuu qaba jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti rakkoolee raawwii projektootaan walqabatan hambisuuf hoggansi kutannoon hojjechuu akka qabu Ittaantuu Preezdaantii naannoo Hararii  aadde Miisraa Abdallaa ibsan.

Kaabineen bulchiinsa naannichaa raawwii hojiiwwan proojektii naannichaarratti mari’achuun kallattii fuuladuraa kaa’uu ibsameera.

Naannichatti projektiiwwan tokko tokkorratti hanqinni raawwii kan mul’atu ta’uu aadde Miisraan waltajjichaan kaasaniiru.

Keessumaa ijaarsa daandii fi kaffaltii beenyaan walqabatee rakkoolee mul’atanii fi gaaffilee ka’aniif haalaan deebii kennuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Rakkoolee kanneen hambisuuf hooggansi kutannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Projektiiwwan gaaffii uummataa debisuu danda’aniif dursa kennuun xumuruun barbaachisaa ta’uu miseensonni kaabinee maricharratti kaasaniiru.

Hoggantoota raawwii hojiirratti qaawwaa guddaa argisiisan irratti tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu eeraniiru.

Projektiiwwan gaggeeffaman irratti hordoffii fi to’annoo cimaa taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.