Fana: At a Speed of Life!

Mi’eessituuwwan akaakuun 4 fi Gaayyaan sirna bittaa fi gurgurtaa ammaayyaatti makaman

Finfinnee,Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Dinbilaalli, Sunqoo, Qundoo Barbareen, Maxaaffanni Gurraachi fi Gaayyaan sirna bittaa fi gurgurtaa ammaayyaa Oomisha Gabaa Ityoophiyaatti makamuu dhaabbatichi beeksiiseera.
Oomishaaleen kunneen Oomisha Gabaa Ityoophiyaatti makamuu isaanii hordofee baayy’inni oomishaalee Gabaa Ityoophitaa 12 turan gara 17 ol guddachuu Dhaabbanni Oomisha Gabaa Ityoophiyaa ibseera.
Maxaaffanni Gurraachi kuntaalli 1 Birrii kuma 26 fi 500, Sunqoo kuntaalli 1 Birrii kuma 12tti gurguramaa jiraachuu eerameera.
Ityoophiyaatti waggaa waggaan mi’eessituuwwan kuntaalli kumni dhibbi 3 fi kumni 48 ol kan oomishaman ta’uu himameera.
Mi’eessituuwwan kun hedduunisaanii gabaa addunyaarratti daraan barbaaddamoo yoo ta’an, Ityoophiyaan oomisha Sunqoon sadarkaa olaanaa qabdi jedhame.
Waggaa waggaan oomishaaleen mi’eessituu tooniin kumni 15 gabaa alaaf kan dhiyaatu yoo ta’u, oomisha waliigalaa biyyattii keessa jiruun yoo madaallame gadi aanaa ta’uu ibsameera.
Oomisha Gaayyaa waggaan oomishamu kuntaala miiliyoona 2.6 keessaa, kuntaala kuma dhibba 7 fi kuma 75 kan hin caalletu gabaa alaaf dhiyaata jedhamu ragaan Dhaabbata Oomishaalee Gabaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.