Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Galiiwwaanii lammilee hongeen miidhamaniif deggersa Birrii miiliyoona  68.7 taasise

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Ministeerri Galiiwwaanii fi  Komishinin Gumurukaa lammilee hongeen miidhamaniif deggersa midhaan nyaataa namaa fi beelladaa Birrii miiliyoona  68.7tti tilmaamamu taasisuu ibsame.

Manneen hojii kunneen  waliin waggoottan darban keessa rakkoo nam-tilchee fi uumamaa Ityoophiyaa  mudatan furuuf qindoominaan hojjechuun deggersa barbaachisaa  taasisaa turuu Komishinarri komishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa haasaa taasisaniin ibsaniiru.

Komishiniin Gumurukaa meeshaalee kontirobaandii diinagdee biyyattiirratti dhiibbaa qaqqabsiisan to’achuuf bu’aa ba’ii guddaa keessa darbanii kan hojjetan ta’uu fi  meeshaalee kontirobaandii seeraan alaa sosocho’an kana to’achuun deggersa kanaaf akka oolan taasisuu isaanii Komishinar Dabaleen ibsaniiru.

Hawaasa sababa hongeen rakkoof saaxilaman deggeruuf waliigala meeshaalee seeraan alaa qabamani fi baajata mootummaarraa walitti qabame Birrii miiliyoona 68.7 taasisuu eeraniiru.

Gara fuulduraattis rakkoo godinaalee Oromiyaa fi bakka birootti mudatee furuuf deggersa dabalataa taasisuuf qophii xumuruu himaniiru.

Deggersi kun bakka abbootiin Gadaa fi hoggantoonni olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa biroo argamanitti kennamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.