Fana: At a Speed of Life!

Godina Qellem Wallaggaatti qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee,Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Godina Qellem Wallaggaatti qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf dhiyeessiirratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Daldalaa Godinichaa beeksise.
Godinichatti rakkoo qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu fi alseerummaa ittisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu himameera.
Meeshaaleen bu’uuraa fi midhaan gosa adda addaa karaa Waldaalee Hojii Gamtaa, Yuuniyeenii, Waldaa fayyadamtootaa fi Jinihaad (Dhiheessitoota galtee industirii damee Dambii Doollootiin)tiin gatii madaallawaan dhiyaachaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Daldalaa Godina Qellem Wallaggaa obbo Dagaagoo Kumarraa himaniiru.
Rakkoo qaala’iinsa jireenyaa fi daballii gatii gabaa mudate tasgabeessuuf mootummaa qofaa osoo hin taane hirmaannan ummataa qooda olaanaa qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Qellem Wallaggaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.