Fana: At a Speed of Life!

Jilli MM Abiy Ahimadiin durfamu hoggantoota Gamtaa Awurooppaa waliin marii bu’aa qabeessa taasiiseera – Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee,Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Jilli Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu Yaa’ii waloo Gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa Beeljiyeem Biraasilsitti gaggeeffameeratti hoggantoota Gamtaa Awurooppaa waliin marii bu’aa qabeessa taasiisuu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.
Jilli Yaa’ii waloo Gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa Beeljiyeem Biraasilsitti gaggeeffameeratti hirmaate hoggantoota Gamtaa Awurooppaa waliin marii bu’aa qabeessa taasiisu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.
Akkasumas jilli itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin durfamu Konfirensii nageenyaa 58ffaa Muunikitti gaggeeffameerratti hirmaachuun ce’umsa beekkumsaa, dhimma Nageenyaa fi tasgabbii, akkasumas jijjiirama qabeenya qilleensarratti mari’achuu ibseera.
Ministiroota Alaa Jarmanii fi Swiidiin waliin marii taasiiseera.
Ministiroonni kunneen tattaaffii Ityoophiyaan nageenya ishee mirkaneessuuf taasiiftu kan dinqisiifatanii fi deeggaran ta’uu ibsaniiru jedhan.
Biyyoonni galaana diimaa fi Afrikaa rakkoo isaanii waloon furuuf hojjechuu akka qaban mari’achaan ka’uu Ambaasaaddar Diinaan kaasaniiru.
Godaansa seeraan alaa fi Daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa qochuuf waloon hojjechuun barbaachisaa ta’uu ka’eera jedhan.
Biyyoota Gaanfa Afrikaa walitti hidhuuf Ityoophiyaan ga’umsa qabaachuun eeramuu ibsameera.
Wandasan Araggaanyitu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.