Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa lammiilee naannoo Somaalee hongeen miidhamaniif deeggarsa akaakuu taasiise

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) –Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lammiilee naannoo Somaalee hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa fi nyaata loonii Birrii miiliyoona 12tti tilmaamamu taasiise.

Deeggarsicha Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee Preezdaantii naannichaa obbo Musxafee Mahaammadiif laataniiru.

Deeggarsi kun kan marsaa 2ffaa yoo ta’uu, marsaa jalqabaan deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasiisuun kan yaadatamuudha.

Deeggarsi kun jiraattoota kutaa magaalaa Liddataarraa kan walitti qabame ta’uu ibsameera.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.