Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Paakistaan hariiroo daldalaa isaanii cimsuuf waliigalan

Finfinnee,Gurraandhala 16, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Paakistaan hariiroo daldalaa isaanii cimsuuf waliigaluu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen  Boordii Invastimantii Paakistaan, Waajjira Muummee Minitiraa Paakistaan, Mana Maree Daldalaa Islaamaabaad, Hojii Raawwachiistota Olaanoo Dhaabbata Paakistaanii fi Dhaabbata Qorannoo Istraateejii waliin mari’ataniiru.

Marichaan Manni Maree Daldalaa biyyattii Islaamaabaad Ityoophiyaanota waliin hojiilee daldalaa hojjechuu fi Mana Maree Waldaale Daldalaa Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Manni marechaa hawaasa daldalaa Ityoophiyaa waliin oomishaalee garaagaraa gara biyyaa galchuu fi alatti erguun akkasumas dhimmoota waloorratti waliin hojjechuuf fedhii guddaa qabaachuu ibseera.

Ambaasaaddar Reedwaan Huseen gamasaaniin daldaltoonni Paakistaan Ityoophiyaa wayita ga’an Viizaan kan qophaa’uuf ta’uu fi Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa gara Paakistaan magaalaa Kaaraachiitti balallii eegaluuf qophiirra kan jiru ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaatti gama dameewwan qonnaa, qorichaa, manuufaakchariingii, Agroo-Proosesiingii, huccuu fi gogaan filannoowwan invastimantii kan jiran ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.