Fana: At a Speed of Life!

Tajaajiloonni mootummaa 200 ol gama oonlaayinii kennamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2014 (FBC) – Tajaajiloonni mootummaa 200 ol gama oonlaayinii kennamaa jiraachuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksise.

Ministeerichi Ejensii Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa waliin ta’uun tajaajiloonni kunneen haala waaraa ta’een hojiirra oolchuuf waliigaltee walii mallatteesuu ibsameera.

Tajaajiloota mootummaa si’ataa taasisuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin ibsaniiru.

Waggoottan kurnan dhufanitti tajaajiloota kuma 2 fi 500 gama oonlaayinii kennuuf karoorri qabamuu ibsuuun yeroo ammaa tajaajiloota 222 kennaa jiraachuu kaasaniiru.

Lammiileen kuma 100 ol galmaa’uus eeraniiru.

Guyyaa kaleessaa tajaajiloonni mootummaa 45 gama oonlaayinii hala kennuun danda’amuun misoomanii eebbifamuu addeessaniiru.

Bara kana tajaajiloota 400 gama oonlaayinii kennuuf hojjetamaa jiraachuu eeramuu ragaan Ministera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.