Fana: At a Speed of Life!

Caffeen leenjii dandeetti raawwachiisummaa cimsu miseensota isaaf kennaa jira 

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2014 (FBC)- Caffeen Oromiyaa leenjii dandeetti raawwachiisummaa cimsu miseensota isaaf Adaamaatti kennaa jira.

Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahimaan Leenjiin kun imaanaa uummataa fi heeraan miseensota Caffeetti kenname amanamummaan galmaan akka gahaniif kan kennamaa jiru dha jedhan.

Hojii bakka bu’ummaa heeraa fi uummataan miseensota Caffeetti kenname itti gaafatamummaa olaanaan bahachuuf, leenjiin dandeetti raawwachisummaa cimsu kun gahee olaanaa akka qabus Aadde Sa’aadaan himaniiru.

Leenjiin miseensota Caffee Bara hojii 6ffaaf qophaa’e kun guyyoota sadiif kennama jedhameera OBN gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.