Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaan muuxxannoo waljijjiirraa misoomaa Qamadii jallisii godinaalee adda addaatti gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Daawwannaan muuxxannoo waljijjiirraa misoomaa Qamadii jallisii godinaalee Oromiyaa adda addaatti gaggeeffameera.
Jilli Godina Gujii Bahaarraa dhufe hojiilee misoomaa Godina Addaa Oromiyaa Nannawaa Finfinnee Aanaa Aqaaqii Ganda Gammadaa daawwateera.
Akka Aanaa Aqaaqitti Lafti hektaarri kumn 4 fi 634 qamadii jallisiin misoomaa jira.
Itti Aanaan Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanichaa obbo Maammoo Shifarraa jila Gujii Bahaa irraa dhufan simachuun muuxannoo jiru qoodaniiru.
Bara darbe Lafa hektaara tokkorraa qamadiin Kuntaalli 103 kan argame yoo ta’u, bara kana ammoo gara kuntaala 110 olitti ol guddisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniru.
Itti Aanaa itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Addaa Oromiyaa Nannawaa Finfinnee obbo Kidaanuu Damee keessummoota daawwannicharratti argargamaniif yaada kaasaniin Bara darbe akka Godinaaatti lafa Hektaara kuma 8 misoomerraa oomishni kuntaalli kumni dhibbi 4 ol kan argame ta’uu ibsaniiru.
Bara kana ammoo kan bara darbee ka’uun lafa hektaara kuma 18 fi 173 misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 18 fi 803 sanyiin uwwifamu ibsaniiru.
Callaa kuntaalli kumni dhibbi 9 fi kumni 90 ol kan eeggamu ta’uu kaasniiru.
Daawwannaan hojii Qamadii jallisiin misoomee guyyaa 2ffaa Godina Arsii Aanaa Xiyyoottis gaggeeffameera.
Akka Godinaatti lafa hektaara kuma 37 ol misoomeerraa caallaa kuntaalli miliyoonni.1.5 ol ni eegama jedhame.
Daawwannaa kanarratti Hoggansi,Ogeeyyii fi Qonnaan bultoonni Godina Harargee Bahaa, Wallagga Bahaa fi Godina Addaa naannawa Finfinnee hirmaachuu ragaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.