Fana: At a Speed of Life!

Yaraa kaleessaa osoo hin taane, gaarii kaleessaa yaadachaa gara fuulduraatti imalla jedhan – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad ibsa miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf laataniin hanni dhibee kaansarii biyyati jedhan.
Hannii fi xiiqiin rakkoon guddaa biyyaati jedhan.
Hoggantoonni hanna jibbaan ni jiru akkasumas hataa kan raawwachaa kan jiraatanis ni jiru.
Biyyi tokko guddattes guddachuu baatte hannii jirannaan rakkoo keessaa ba’uun hin danda’amuu.
Namoota malaammaltummaa hojjetan waliin giddina biyyaa yaaduu mitii waloon jiraachuun ni ulfaata jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.
Rakkoon malaammaltummaan wal qabatuus Ityoophiyaa keessaatti baldhina ni muul’ata jedhaniiru.
Rakkicha furuufis caasaaleen mana hojii mootummaa federaalaa diiguu haaraa gurmeessineerra.
Akkasumas sadarkaa federaalaa naannoo, godinaalee fi aanaatti gamaaggamaas eegalleera jedhan.
Hojii manni walxaxaanis ni qulqulla’aa jedhaniiru.
Faanaa fi EBCn yeroo dhiyootti qorannoo kana ni eegalu jedhan.
Gaaffi dhimma hidhamtootaan walqabsiisee ka’eeniis deebii laataniin, diinni keenya daandii qopheesseerra deemuu hin qabnu daandii injifannoo uumnaa malee jedhaniiru.
Miinee dhiifama gaafachuurra miidhamne dhiifama gaafachuutu caala, kunis akka jijjiirramaatti ilaalamuu qaba jedhaniiru.
Hidhamtoota sababoota 3f kan hiikne yoo ta’u, 1ffaan nageenya waaraa buusuuf, 2ffaan haala hidhamtootaa tilmaamama keessaa galchuu fi 3ffaan Injifannoo argannee itichuufi jedhan.
Murtoo kana kan fudhannees waraanni waa hunda caalaa hamaa ta’uu hubanneeti jedhan.
Yaraa kaleessaa osoo hin taanee gaarii kaleessaa yaadachaa imalla jedhan.
Waraanni Ityoophiyaa fi Eertiraa waggoota 30 kan fudhaateedha, kanaarrayis bu’aa argame tokko akka hin jirre hubachuu qabdu jedhaniiru.
Seenaa darberraa barachuu qabna jedhan.
Walitti bu’uunsa walwaliin injifannoon argamu hin jiru jedhaniiru.
Ityoophiyaan hin diigamtuu jechaa turreerra ammallee jabeessinee jedhan.
Himata adda kutuun Ityoophiyaa fayyadamtuu taasisuufi jedhaniiru.
Nut osoo lubbuun jirru gareen shororkeessaa ABUT Finfinnee akka hin galle isiinif ibseen ture jedhan.
ABUT waraanni akka isaa hin baasnee cimsee beekuu qabas jedhaniiru.
Ammalle birmaddummaa biyyattii kan xuquu yoo jiraatee Ityoophiyaanoonni tasuma callisanii ilaaluu hin danda’aan jedhaniiru.
Marii biyyoolessaatti sirnaan fayyadamuu qabna jedhaniiru, paartiilee morkattootaas carrichaatti fayyadamuu qabus jedhan.
ABUT fi qaamoleen biroon wantii beekuu qabdan qaamoleen kaleessaa muudaman namni kamiyyuu yaada mataa isaa kaasee mariin taasifamee gara furmaataatti dhufuudhafi muudamaniiru jedhan.
Badhaadhinni yaada mataa isaa qabatee ni dhiyaata yaadicharratti mariin taasifamee kan itti walii hin gallee yoo ta’ee uummattoonni Ityoophiyaan ni muurteessa.
Qaamolee paartii badhaadhinaa caalaa yaada dhiyeessanii yaadni dhiyeessaan fudhatama yoo argatee paartichi itti waliigaluuf qopheedha jedhaniiru.
Ityoophiyaa keessaatti hanga ammatti namni sababa alaabaatiif du’aa jira rakkoo kana keessaa ba’uufi ammoo mariin murteessaadha jedhan.
Lubbuun namaa fi qabeenyi osoo hin barbadaa’iin rakkoo kamiiyyuu furuuf mariin ni taasifna jedhaniiru.
Dhimma faayidaa Ityoophiyaa xuquu yoo ta’e yoomuyyuu itti walii hin gallu jedhaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.