Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi daandii Asfaaltii Daaguruu – Gaalamoo eegalame

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Qaama Kooriidarii Ityoo- Jibuutii Galaa kan ta’e ijaarsi daandii Asfaaltii Daaguruu-Gaalamoo kiiloo meetiraa 30 eegalame.
Ijaarsi daandichas kan eegale waliigaltee Mootummoota Jibuutii- Sa’uudii Arabiyaa gidduutti waliigalameenii jedhameera.
Haaluma kanaanis ijaarsi daandicha deeggarsa Faayinaansii Faandiin Misooma Sa’uudii irra argameen gaggeeffama.
Saganticha irrattis Ministirri Muummee Jibuutii Abdulqaadiir Kaamil Hameed,Ambaasaaddar Biraanuu Tsaggaayee fi Jibuutitti Ambaasaaddara Sa’uudii Arabiyaa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon Jibuutii fi kanneen biroo argamaniiru.
Ijaarsi daandichaa wayita xummurame Geejjibaa Jiibuu fi Ityoophiyaa gidduu jiru furuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.