Fana: At a Speed of Life!

Qabeenya Birrii biiliyoona 1 olitti tilmamamu alaa galaa ture oomisha biyya keessan bakka buusuun danda’ame – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gaaffii dhimmoota diinagdee ilaalchisee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa ka’aniif deebii laataniiru.

Ijaarsi diinagdee wayita waraanaatti taasiifamu daraan rakkisaadha jedhaniiru.

Ityoophiyaatti waraanni gaggeeffamaa jiru, hongee fi weerarri covid – 19 ijaarsa diinagdee biyyattiif qormaata guddaa ture jedhan deebii isaaniin.

Haalli kun akkuma jirutti ta’ee mootummaan Ityoophiyaa galiin baatiwwan jahaan darban walitti qabe gaariidha.Baatiwwan darban daldalli al ergii daraan dabaleera jedhaniiru.

Baatiwwan jahaan darbanitti galiin daldala alaa % 25, tajaajilli % 27, Indaastiriin % 25 guddina agarsiisaniiru.

Waliigalaan galiin bara kanaa kan bara darbeen yeroo walfakkatuun yoo madaallamu % 14 ol guddina agarsiiseera jedhan.

Qabeenya Birrii biiliyoona 1 olitti tilmamamu alaa galaa ture oomisha biyya keessan bakka buusuun danda’ameeras jedhan deebii isaaniin.

Galteewwan dhagaa cilee oomisha simintoof oolaa % 89 alaa gala ture kan biyya keessan bakka buusuun danda’amuus ibsaniiru.

Damee faayinaansiin qabeenyi dhaabbataa Baankoota biyya keessaa Birrii  Tiriiliyoona 2tti ol guddateera jedhan.

Dameewwan baankii kuma 7 fi 400 ga’eera jedhaniiru.

Qabeenyi taa’u Birrii Tiriiliyoona 1.5 ga’eera jedhan ibsa laataniin.

MM Abiy Ahimad bara kana qonna jallisii qamadiin lafti hektaarri kumni dhibbi 6 sanyiin uwwifameera jechuun ibsaniiru.

Lafa misoome kanarraa callaa kuntaalli miiliyoonni 25 ni eegama jedhan.

Iddoolee qamadii kilaasteraan misoomeetti lafa hektaara tokkorraa callaa kuntaalli 100 argamuu danda’een himaniiru.

Bara darbee bittaa xaa’oo biyyoof Doolaarri miiliyoonni dhibbi 5 kan ba’e yoo ta’u, Bara kana sababa daballii gatiiin bittaa Xaa’oo Biyyoof Doolaarri biiliyoonni 1.2 ol baasii ta’eera jedhan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.