Fana: At a Speed of Life!

Namoonni maallaqa biyyoota garaagaraa fakkeessanii maxansaa turan to’ataman

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Namoonni lammummaan isaanii kaameeruun ta’e kutaa magaalaa Boolee aanaa 03 bakka Pireesadeenshiyaal jedhamuun beekamutti maallaqa biyyoota garaagaraa maxxansaa turan to’atamuu Poolisiin Federaalaa beeksise.

Namoonni kunneen maallaqa sobaa biyyoota garaagaraa fi meeshaalee keemikaalaa garaagaraa waliin to’atamuu ibsameera.

Eeruu hawaasni naannoo poolisiin ga’eenii fi hordoffii cimaa Poolisiin federaalaa taasiseen lammiileen kaameeruun lama gafa Guraandhala 11, 2014 osoo maallaqa biyyoota garaagaraa maxxansanii to’annaa jala ooluu eerameera.

Namoonni kunneen Doolaara Ameerikaa dabalatee maallaqa Chaayinaa, Sudaan, Maayinamaar fi Taanzaaniyaa osoo maxxansanii to’atamuu ibsameera.

Hawaasni shakkamtoota gocha akka kanaarratti bobba’anii uummata burjaajessan poolisiif eeruun deeggarsa akka taasisu Poolisiin Federaalaa waamicha taasisuu ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.