Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti lafti heektarri kumni 16 fi 347 qamadii jallisiin misoome

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC)- Godina Arsii Lixaatti lafti heektarri kumni 16 fi 347 qamadii jallisiitin misoomu itti aanaa waajjira Qonnaa godinicha obbo Ibsaa Gammadaan ibsaniiru.

Bara kana akka godinichaatti lafaa heektaara kuma 12 qamadiin jallisiin misoomsuuf karoorfamee lafti heektaarri kumni 16 fi 347 misoomeera jedhan.

Aanaalee godinichaa 8 keessatti qamadii boneen misoomaa kan jiru yoo ta’u, hektaara tokkorraa callaan hanga kuntaalli 50 ni argama jedhameet eeggama jedhaniiru.

Misoomaa jallisii Godina Arsii lixaa irraa muuxannoo fudhachuuf qaamoleen godinoota Gujii lixaa, Booranaa fi Shawaa lixaa irraa dhufan ooyruu qonnaan bultootaa aanaa Nageellee Arsii fi Heeban Arsii daawwataniiru.

Qonnaan bultoonni lafa tokko waggaatti yeroo sadi oomishuun fayyadamaa jiraachuu himaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.