Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa Komishinaroota Maree biyyaalessaa muude

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii addaa har’a gaggeesseen komishinaroota Komishinii Maree biyyaaleessaa muudeera.
Muudamichi kan sagalee hin laanne 5 fi sagalee caalmaan ragga’eera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii addaa 2ffaa Muddee 20, 2014 gaggeesseen labsii hundeeffama Komishinii Maree Biyyaalessaa lakkoofsa 1265/2014 raggaasiisuun ni yaadatamuudha.
Kana hordofee Hawaasni Kaadhimamtoota Komishinara Komishinii Maree biyyaalessaa akka eeran taasiisuun eeruun namoonni 600 ol dhiyaatanii turan.
Kaadhimamtoonni Komishinaroota Komishinii Maree Biyyaalessaaf namoonni dhuunfaan 42 hawaasaaf dhiyaachuun yaadni akka itti laatamu maqaan isaanii tarreeffamuun kan yaadatamuudha.
Kanneen keessaa kan ulaagaalaa barbaachisu sadarkaa olaanaan guutaan 11, manni marichaa Komishinaroota taasiisuun akka moggaasu dhiyeesseera.
Adeemsa kaadhimamtoota Komishinaroota maree biyyaalessaa filachuuf adeemame keessatti sabdaneessuummaa Ityoophiyaa akka hammatu tattaaffiin taasiifamuu ibsameera.
Haalli hirmaannaa sabaa, ilaalcha siyaasaa, hirmaannaan koorniyaa fi dargaggootaa maal akka fakkaatu ilaalchisee mariin bal’aan gaggeeffamaa turus eerameera.
Manni Marichaa Galtee argame erga ilaalee booda kanneen sadarkaa olaanaan ulaagaa barbaaddamu guutuun Komishinarummaaf akka moggaafaman Kaadhimuun dhiyeeseera.
Haaluma kanaan
1. Proofeesar Masfin Aarayaa,
2. Aadde Hiruut Gabrasilaasee Odaa
3. Dooktar Tagenye Warqi Geetuu Mangashaa
4. Ambaasaaddar Dooktar Ayifoorit Mahaammad Yaasin
5. Aadde Bileen Gabramadin Yoosee
6. Dooktar Yoonaas Adahee
7. Obbo Zagayyee Asfaaw Abdii
8. Obbo Malaakuu Waldamaariyaam
9. Ambaasaaddar Mahaammad Diriir
10. Obbo Mulgeetaa Agoo fi
11. Dooktar Ambaayee Ogaatoo Aanaataan Komishinar Komishinii Maree biyyaalessaa taasiisuun moggaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.