Fana: At a Speed of Life!

Hidhaan Haaromsaa har’a anniisaa Elektirikaa Meegaa Waatii 375 maddisiisuu eegale

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad har’a ifatti Hidhaa Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa anniisaa Elektirikaa Meegaa Waatii 375 maddisiisu hojii eegalchiisaniiru.

Bitootessa 24, 2003 Naannoo Beenishaanguul Gumuz aanaa Gubaatti ijaarsa isaaf dhagaan bu’uuraa kan kaa’ame Hidhaa Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa waggaa 11 booda har’a anniisaa elektirikaa meegaa waatii 375 maddisiisuu eegaleera.

Hidhicha jala/gara hundeessatti meetira 130, gubbaa isaatti ammoo meetira 11 furdata jedhame.

Yuuniitiiwwan anniisaa meegaa waatii 375 hanga 400tti maddisiisuu danda’an 13 qaba.

Ityoophiyaan humna isheef barbaachisu erga guuttattee booda meegaa waatii kuma 2 biyyoota ollaaf dhiyeessuun waggaatti galii Doolaara miiliyoona 580 argachuu akka dandeechu tilmaamni taa’eera.

Guyyaa har’aa Yuuniitiin tokko anniisaa meegaa waatii 375 maddisiisu kan eegale yoo ta’u, 2ffaan ammoo qophiirra jira jedhame.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.