Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adaamaatti Hootelli ‘Sky City’ Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50’n ijaarame eebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Magaalaa Adaamaatti Hootelli ‘Sky City’ Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50’n ijaarame eebbifameera.

Magaalaa Adaamaatti Kutaa magaalaa Daabee Ganda Hangaatuutti Abbaa qabeenyaa obbo Gannanaa Nagaashiin baasii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50’n kan ijaarame hootelli ‘Sky City’ guyyaa har’aa bakka  jiraattonni magaalaa Adaamaa fi Aanga’oonni mootummaa olaanoo argamanitti eebbifameera.

Hoteelli kuni  damee Hoteelaa fi tuurizimii saffisaan akka babaldhatuuf gahee guddaa akka qabus himan.

Itti gaafatamaan waajjira aadaa fi turizimii bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Bashiir Eda’oo hoteelli ‘sky city’  fedhii gama kanaan magaalattiitti mul’ataa jiru deebisuuf hojii mootummaa fi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa waltahuun hojjetaa jiran galmaan gahuu keessatti gahee guddaa akka qabu dubbatan.

Hoteelli kun gosoota nyaataa fi dhugaatii biyya keessaa fi alaa maamiltootasaaf dhiheessuun tajaajila baarii fi reestoraantii akkasumas ciisichaa  kan kennu tahu ibsameera.

Galma walgahii hanga namoota 250 keessummeessuu danda’u kan of keessatti kan hammate ta’uu ibsameera.

Aliyyi Gammachuutu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.