Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad turtii Biraasilsitti taasisaan xumuruun gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad turtii isaanii Biraasilsitti taasisaan xumuruun gara biyyaa deebi’aniiru.

Muummeen Ministira Abiy Ahimad yaa’ii Gamtaa Awurooppaa fi Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf gara Biraasilsitti imaluun isaanii ni yaadatama.

Yaa’ichi kaleessaa fi dheengaddaa kan gaggeeffamee yoo ta’u, hariiroo michoota lamaanii cimsuurratti gadi fageenyaan mari’atameera.

Badhaadhina waloo mirkaneessuuf Karoorri invastimantii Afrikaa-Awurooppaa Yuuroo biiliyoonni 100 fi biiliyoona 50 ifoomeera.

Yaa’icharratti yaadoonni Ityoophiyaa kaastee hedduun fudhatama argachuusaanii Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa fi Awuroopparratti hirmaachaa kan turan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hojiilee fayyadamummaa Afrikaa mirkaneessan raawwataniiru jedhameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.