Fana: At a Speed of Life!

Hoteelli Jaaloo abbaa urjii 4 Magaalaa Shaashamanneetti ijaarame eebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Hoteelli Jaaloo qulqullinaan abbaa urjii 4  ta’e Magaalaa Shaashamanneetti ijaarame eebbifameera.

Hoteelicha Sadarkaa Itti Aanaa Preezdantiitti qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhakiim Muluu, Hooggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Kadiir, Kantiibaan Magaalaa Shaashamannee Obbo Woshoo Kadiirii fi Abbaan qabeenyaa hoteelichaa Obbo Eermiyaas Dassaalany eebbisanii tajaajilaaf bananiiru.

Obbo Abdulhakiim Muluu  wayita eebbaa kana hoteelonni sadarkaa isaanii eeggatan akkanaa guddina diinagdee biyyattii ariifachiisuuf shorri isaanii olaanaa akka ta’e dubbataniiru.

Invastimantiin hoteelotaa industirii turizimii guddisuun cinaatti hoji dhabdummaa lammiilee furuudhaafis faayidaa guddaa qaba jedhan.

Abbaan qabeenyaa Hoteela Jaaloo Obbo Eermiyaas Dassaalany Magaalaa Shaashamanneetti nageenyi amansiisaan uumamuu isaatiin qabeenya isaanii dhangalaasanii guddina magaalattiif ijaaranii akka jiran dubbatan.

Hawaasni Magaalattiis qabeenyi kun kan isaanii waan ta’eef kana kunuunsaa abbootii qabeenyaa biraa simachuu qabuunis hubachiisanii jiru.

Kantiibaan Magaalaa Shaashamannee Obbo Woshoo Kadiir Shaashamanneen rakkoo armaan dura ishee mudatee ture keessaa guutumaan guututti baatee nageenyi amansiisaan waan uumameef abbootii qabeenyaa invastimantiif simachaa jirti jedhaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Magaalaa Shaashamannee giddu gala daldalaa taatetti invasti gochuu barbaadan bulchiinsi magaalattii simatee keessummeessuuf qophii ta’uu Obbo Woshoon himaniiti kan jira.

Abbaan qabeenyaa hoteelichaa Obbo Eermiyaas Dassaalany hoteela kana Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 50’n ijaaruuf qaqqabuusaanii dubbataniiru.

Hoteelli kun sadarkaawwan 7 kan qabu yoo ta’u ijaarsi isaa waggoota 5 ol akka fudhate kan eeran.

Hoteelli Jaaloo yeroo ammaa kana hoji dhabeeyyii naannoo 250’f carraa hojii uumuudha Obbo Eermiyaas kan ibsan.

Hoteelichi manneen ciisichaa, galmoota walgahii, istiim baazii fi saamunaa baazii, jiimii ammayyaa’aa kan guuttate ta’uudha Obbo Eermiyaas ibsaniiru.

Biqilaa Tufaau gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.