Fana: At a Speed of Life!

Gurraandhalli 12 ciminaa fi tokkummaa keenyaaf ragaadha- Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Gurraandhalli 12 ciminaa fi tokkummaa Ityoophiyaanootaaf ragaa kan bahu ta’uu Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa guyyaa yaadannoo Gurraandhala 12 ilaalchisee ibsa baaseera.

Gurraandhalli 12 seena Ityoophiyaa keessatti iddoo olaanaa kan qabu ta’uus eereera.

Guyyichi waggaa 85’n dura guyyaa ajjeechaa jumlaa Ityoophiyaanoota irratti raawwatameedha.

Baroota dheeraaf diinoonni Ityoophiyaa Ityoophiyaanoota humnaan jilbeeffachiisuun, hawwii isaanii dhugoomsuuf yeroo baay’ee yaalaniiru jedhame.

Yaaliiwwan isaanis osoo hin milkaa’iin injifatamaniiru.

Ityoophiyaa weeraruuf, waraanni Itaalii meeshaalee ammayya’aa hidhatee dhufee ture.

Haa ta’u malee, haala hin baramneen diina meeshaalee ammayya’aa hidhatee dhufe gootota Ityoophiyaa meeshaa waraana ammayya’aa hin qabneen injifatameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.