Fana: At a Speed of Life!

Qindoominni Dubartoota Ityoophiyaa addunyaa hundaa’e

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Dubartoonni Ityoophiyaa guutuu addunyaarra jiran miseensa ta’uun muuxxannoo fi beekkumsa isaanii waloon fayyadamoo kan taasiisu Qindoominni Dubartoota hundaa’eera.

Qindoominni kun dubartoota dhalootan Ityoophiyaa ta’aanii fi Ityoophiyaanoota kutaa addunyaa kamiiyyuu jiraatan miseensummaan kan hammatu ‘Qindoomina Dubartoota Ityoophiyaa addunyaa’jedhamuun moggaafameera.

Qindoominni kun diyaaspoorawwan biyya alaa jiraataniin kan hundaa’e yoo ta’uu, Ityoophiyaanoonni biyyoota 11 keessa jiraatan 87 miseensa ta’aniiru jedhame.

Dubartoonni 392 ga’an ammoo miseensa ta’uuf uunkaa guutaa jiru jedhamu.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.