Barreessaa olaanaan Dhaabbata Misoomaa DhMG miidhaa gareen Shororkeessaa ABUT godina Walloo Kibbaarraan ga’e daawwatan
Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Barreessaa olaanaan Dhaabbata Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Tuurhaan Saalihi fi hoggantoonni dhaabbatichaa miidhaa gareen Shororkeessaa ABUT godina Walloo Kibbaarraan ga’e daawwataniiru.
Miidhaa gareen shororkeessaa ABUT godinacharraan ga’e ilaalchisee bulchaan godina Walloo Kibbaa obbo Abduu Hseenii fi hoggantoonni biroon hoggantoota dhaabbatichaaf ibsa laataniiru.
Godinichatti gareen shororkeessaa kun lammiilee nagaa hedduu ajjeesuu fi qabeenya guddaa barbadeessuu obbo Abduun eeraniiru.
Lammiilee hedduurra dhiibbaan xiinsammuu qaqqabuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.