Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi qorichoonni fi galteewwan yaala fayyaa naannoo Tigraay gahuu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC)– Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa  qorichoonni fi galteewwan yaala fayyaa naannoo Tigraay gahuu  beeksise.

Qorichoonni dabalataa meetirk toonii 107 naannichaan gahuuf qophiin xumuramee balalliin xiyyaara kaargoo eegamaa jiraachuu ibseera.

Naannichatti lammiilee deeggarsa barbaadaniif dhaabbilee deeggarsa namoomaa eeyyama qabaniin baatii Guraandhalaarraa eegalee deeggarsi qorichaa fi galteewwan yaala fayyaa taasifamaafii jiraachuu Daayrektarri Hariiroo Uummataa Komishinichaa obbo Dabbabaa Zawdee ibsaniiru.

Turban darbe qofatti gama dhaabbilee Fannoo Diimaa Hawaasa Idil Addunyaa, Woorlid Viizhin Ityoophiyaa, Pilaan Internaashinaal, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Yuuniiseef dabalatee dhaabbilee 8 ta’aniin qorichii fi galteewwan yaala fayyaa meetirik toonii 41 naannichaan ga’uu eraniiru.

Deeggarsa ergameen dabalataan talaallii fi galteewwan yaala fayyaa garaagaraa meetrik toonii 107 naannichaan ga’uuf balalliin xiyyaara kaargoo eegamaa jiraachuu kaasaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa balallii xiyyaaraa eeyyamuurraa kaasee itti gaafatamummaasaa ba’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan dhaabbileen namoomaa hanga yoonaatti deeggarsa garaagaraa Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 9tti tilmaamamu imalchiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun deeggarsi nyaataa fi kanneen biroon naannicha qaqqabaa jiraachuu kaasuun komiiwwan dhiyeessiin hin qaqqabne jedhan fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.