Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Ministiroota Gaanfa Afrikaa Jibuutiitti gaggeeffama jira

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Walga’iin Ministiroota Gaanfa Afrikaa Jibuutiitti gaggeeffama jira

Walga’iicharratti Ministiroonni Faayinaansii fi hoggantoonni hojii olaanoon Gaanfa Afrikaa; Ityoophiyaa, Jibuutii, Eertiraa, Keeniyaa fi Soomaaliyaarra walitti babba’an guyyaa lamaaf gaggeessa jiru.

Diingadee fi hariiroo naannoo biyyoota Gaanfa Afrikaa cimsuuf mariin adeemsifamaa jira.

Waltajjiin marii kanaan imaammata qopheessun biyyoota gidduutti sirna daldalaa cimaa uumufi jedhame.

Waltajjichi koriidaroota diinagdee, bu’uuraalee misoomaa fi deeggarsa faayinaansii biroo taasisurratti xiyyeeffachuun gaggeeffama jira.

Misooma naannichaaf kan barbaachisu invastimantii Doolaara biiliyoona 15 walitti qabuu haala dandeesisurratti kallattii kan laatudhas jedhameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.