Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Amaaraa sodaa balaa nageenya hawaasa naannichaa hir’isuuf sirreeffamaa ramaddii hoggansaa taasise

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2014 (FBC)- Naannoo Amaaraa sodaa balaa nageenya hawaasa naannichaa hir’isuufi sirnaan ittisuuf  sirreeffamaa ramaddii hoggansaa taasisuu bulchiinsi naannichaa beeksiseera.

Mootummaan naannichaa rakkoo nageenya muudate sirnaan hambisuu fi rakkichaa furuuf hanqina caasaalee nageenyaa fi ciminoota jiran gamaaggameera.

Kana bu’uureeffachuun sirreeffamaa hoggansaa taasiseera.

1-Ajaja humna adda naannoo Amaaraa kan turan Birgaadeer Jeneraal Tafarraa Maammoo gorsaa nageenya preezdaantii Naannoo Amaaraa.

2-Hogganaa Biiroo bulchiinsaa fi nageenyaa naannoo Amaaraa kan turan Meejar Jeneraal Massalee Ballaxaa Ajaja humna adda naannoo Amaaraa taasisuun muuduu ragaan AMK irra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.