Fana: At a Speed of Life!

Israa’eelii fi Sudaan hariiroo biyyoota lamaanii calmaatti cimsuuf waligalan

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Israa’eelii fi Sudaan hariiroo biyyoota lamaanii calmaatti cimsuuf waligalaniiru.

Muummeen Ministiraa Israa’eel Beenmiin Neetaaniiyaahuun  daawwii hojiif guyyaa kaleessaa Yuugaandaa Intubee galaniiru.

Daawwii isaaniin cinatti preezdaanti mana mare walabummaa leetinaal jeeneraal Abduulfattaahi Albuurihaan waliin wal arguun mari’ataniiru.

Marii isaaniin hariiroo biyyota lameen gidduu jiru cimsuuf, dhimmoota garagaraatti waltumsaa fi qindoominaan hojjechuuf wali galuu isaanii ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Beenmiin Neetaaniiyaahuun, Sudaan wayita amma jijjiirama adeemsisaa jirtu biyyatti gara sadarkaa foyya’aatti ceesisuuf kan gargaaruu ta’u beeksisaniiru.

Mariin hoggantoota lamaanii Namoota murasan kan beekamuu yoo ta’u, preezdaantii Yuugaanda Yuuweerii  Muuseeviinii kan qopha’ee ta’us ibsameera.

Dubbi himaan mootummaa Sudaan Faysal Saaliihi  daawwii fi maarii Preezdaanti Albuurihaan Yuugandatti taasisaafama jiraaniif oddeeffannoo kan hin qabne ta’u himaniiru.

Kaabinoonni biyyattis dhimmicha irratti kan hin mari’annee ta’u kan himan dubbi himichi, preezdantichiis daawwiichaa wayita deebi’an ibsa akka laataan himameera.

Maarii isaan waliin taasisaanifis anga’oota Filisxeemoota aarseera.

Anga’oonnii kunneen maariin hoggantoonni biyyota lamaani taasisaa kun siyaasaa dhooksaa hojjetamaa jiruudha jechuu mormaniiru.

Maddi:-Aljaziiraa fi Sudaan Triiyubuun

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.