Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti balaa abiddaa mudateen lubbuun namoota lamaa darbe

Finfinnee,Gurraandhala 10, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti guyyaa kaleessaa balaa abiddaa mudateen lubbuun namoota lamaa darbuu ibsame.

Magaalichatti guyyaa kaleessaa balaan abiddaa lama mudachuu ogeessi Sabquunnamtii Komishinii hoggansa soda Balaa magaalichaa obbo Nigaatuu Maammoon Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Balaan abiddaa tokko Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo aanaa 5 mana nama dhuunfaarra naannoo sa’aatii 10:50tti kan mudate yoo ta’u qabeenya Birrii kuma 100tti shallagamu barbadeessuu ibsaniiru.

Komishinichi akkuma waamichi isa dhaqabeen konkolaattota balaa baraartotaa fi hojjettoota garas erguun baklichi miidhaa cimaa osoo hin qaqqabsiisiin to’atamuu danda’uu ibsaniiru.

Kanaanis qabeenya Birrii kuma 200tti tilmaamamu baraaruun danda’amuu fi namarratti miidhaan qaqabe kan hin jirre ta’uu kaasaniiru.

Balaan abiddaa biraan kan mudate kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii aanaa 6 halkan keessaa naannoo sa’aatii 8:00 suuqiiwwan daldalaa fi Manneen Ciisichaarratti ta’uu eeraniiru.

Balichaan lubbuun namoota algaa kireeffatanii lamaa darbuu fi qabeenyi Birrii kuma 200tti shallagamu barbadaa’uu himaniiru.

Deeggarsa baraaruu taasifameen lubbuun namoota 3 fi qabeenyi Birrii miiliyoona 10tti tilmaamamu baraaramuu ibsaniiru.

Sababni ka’umsa balichaa qulqulleffatamaa jiraachuu addeessaniiru.

Dhaabbileen tajaajila laatan hawaasa balaa walfakkaataarraa eeguuf xiyyeeffannoo barbaachisaa taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Feevan Bishawutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.