Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhimmoota biyyaalesaa garaagaraarratti Paartilee Siyaasaa waliin mari’achaa jira

Finfinnee,Gurraandhala 10, 2014 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa dhimmoota biyyaalesaa garaagaraarratti Paartilee Siyaasaa waliin mari’achaa jira.

Waltajjichaan paartileen siyaasaa dhimmoota ijaarsa Paartii hedduuminaa, filannoo fi dhimmoota filannoon walqabatan, heera mootummaa, ijaarsa dhaabbilee diimokiraasii, olaantummaa seeraa fi qaamolee seera raawwachiistotaa, imaammata dhimma alaa, hundeeffama biyyaa, bulchiinsa gaarii fi dhimmoota biroorratti  mari’achaa jiru.

Komiiwwan paartilee siyaasaarraa dhiyaachaa turan boordichi qulqulleessuu ibsuun gabaasa qulqullaa’e dhiyeessuun qaama marichaa ta’uun ajandaan qabameera.

Waltajjii marichaarratti walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Birtukaan Miidhagsaa dabalatee hoggantoonni boordichaa fi hoggantoonni paartilee siyaasaa argamaniiru.

Laykuun Alamtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.