Fana: At a Speed of Life!

Barsiisaan Yuunvarsiitii Dambi Doolloo Amaanu’eel Baalchaa Diroonii kalaqee balaliisise

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2014 (FBC)- Barsiisaan Yuunvarsiitii Dambi Doolloo kan ta’e Amaanu’eel Baalchaa Diroonii kalaquun balaliisuu Yuunvarsiitiin Dambi Doolloo beeksiseera.

Amaanu’eel Baalchaa Yuunvarsiitii Arbaa Mincirraa barnoota Mekaanikaal Injiineriingiin eebbifamee yeroo ammaa kana Yuunvarsiitii Dambi Doollootti barsiisaadha.

Amaanu’eel Diroonii 2 fi xiyyaara 1 kalaquusaa,

Preezdaantiin Yuunvarsiitii Dambi Doolloo Dooktar Lataa Tasfaayee  himaniiru.

Dirooniin kunis meetira 250 haala milkaa’ina qabuun balali’uu Dooktar Lataan dubbataniiru.

Kalaqoota garaagaraa barattoota Yuunvarsiitichaan hojjetamanis beekamtii fi gabaa akka argataniif Yuunvarsiitiin Dambi Doolloo hojjetaa jira jedhameera.

Barattoota gama kanaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjetaniifis tibba kana Badhaasa fi beekamtiin kennameera.

Yuunvarsiitichattis sagantaan kalaqa kanneen akka diroonii, xiyyaaraa, paampii bishaanii, baabura buna daaku, maashinii bukoo bukeessuuf oolu, baabura lafee daakuun soorata lukkuuf oolchu, konkolaattota gosa adda addaa, tarbaayinii bishaanii, diizaayiinii ammayyaa lafa mana jireenyaa qusatu, ampuulii ergaa gabaabaan/sms ifa laatuuf dhaamsu fi maashinii muka bocu agarsiisaaf ooluu ragaan fuula Feesbuukii yuunvarsiitii Dambi Dolloorraa argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.