Fana: At a Speed of Life!

Sababa hanqina dhiyeessa boba’aan torbee tokkoof oomisha dhaabee kan ture Warshaan Sukkaaraa Fincaa’aa irra deebiin oomisha eegale

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Sababa hanqina dhiyeessa boba’aan torbee tokkoof oomisha dhaabee kan ture Warshaan Sukkaaraa Fincaa’aa irra deebiin oomisha eegaluu Korporeeshiniin Sukkaaraa Ityoophiyaa beeksiise.
Bara 1991 eegalee Sukkaara oomishuu kan jiru warshaan Sukkaaraa Fincaa’aa hanga Bara 2003tti Ityoophiyaatti warshaan Itaanoolii oomishu isa qofa ture.
Warshichi yeroo ammaa waggaatti dandeettii Sukkaara Kuntaala miiliyoona 2.7 fi Itaanoolii Liitira miiliyoona 20 oomishuu qabaatus sababa hanqina dhiyeessa Boba’aan torbee tokkoof oomisha dhaabee turuu ibsameera.
Sababa sodaa nageenyaan konkolaattoonni boba’aa fe’an gara sana imaluuf fedhii dhabuu isaaniin Warshichi Gurraandhala 2, 2014 eegalee torbee tokkoof oomisha dhaabuu Korporeeshinichi ibseera.
Yaa ta’uutii rakkichi furamuun Gurraandhala 8, 2014 eegalee hojii oomisha idilee isaatti deebi’uu himameera.
Gareen Shanee warshicharra miidhaa qaqqabsiise odeeffannoon jedhu olola sobaa ta’uu ibsi Korporeeshinichaa ibseera.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.