Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Keeniyaan humnoota badii naannoo daangaa biyyoota lamaanii socho’an waloon ittisuuf kan hojjetan ta’uu ibsan

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Keeniyaan humnoota badii naannoo daangaa socho’an waloon ittisuuf kan hojjetan ta’uu hoggantoonni olaanoon damee nageenyaa biyyoota lamaanii ibsan.
Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel, Tajaajila Poolisii Biyyaaleessaa Keeniyaatti Inispeektar jeneraal Heelaarii Muutyaambaay waliin mari’ataniiru.
Hojiilee Nageenya naannoo daangaa biyyoota lamaanii mirkaneessuuf hojjetaman ilaalchisee mari’ataniiru jedhame.
Keessattuu Ityoophiyaaf Keeniyaan sochii qaamolee badii naannoo daangaa fashaleessuuf tumsaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Inispeektar Jeneraal Heelaarii Muutiyaambaay Ityoophiyaa fi keeniyaan nageenya naannoo daangarratti tumsaan hojjechuuf waliigalteerra ga’uu himaniiru.
Odeeffannoo waljijjiiruun nageenya naannichaa eeguuf waloon ni hojjenna jedhan.
Ityoophiyaa fi Keeniyaan qaamolee badii naannoo daangaa biyyoota lamaanii ittisuuf waloon hojjechuuf waliigaluu Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel eeraniiru.
Naannoo daangaa kanatti sochii Shanee fi Alshabaab waloon qolachuuf duula waloon kan gaggeessan ta’uu ibsaniiru.
Duulli waloo kun akka milkaa’uu yeroo baatii tokko hin caalle keessatti sanada waliigaltee ni mallatteessina jechuu isaanii TOI gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.