Fana: At a Speed of Life!

Magaaloonni qulqullina magaalaatin raawwii gaarii galmeessan 15 badhaafaman

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC)- Sagantaa babaldhinaa bu’uuraalee misooma magaaloota 2ffaan sadarkaa biyyoolessaatti magaaloota qulqullina magaalaatin raawwii gaarii galmeessisaan 15 konkolaataa balfa gogaa geejjibsiisaan baadhafamaniiru.

Magaaloota baadhaasni laatameef Jimmaa, Naqamtee, Bishooftuu, Dassee, Dabra Taaboor, Hawaasaa, Buttaajiraa, Hoosaa’inaa, Samaraa-Loogiyaa, Asoosaa, Gaambeellaa, Hararii, Baahir Daarii fi Dirree Dawaadha.

Sagantaa badhaasa kanarratti kan argaman Ministirri Ministeera magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa aadde Caaltuu Saaniin, badhaasichi magaaloonni jiraattootaaf mijataa akka ta’aan akkasumsa ittisa balfa gogaa akka gabbisaniif ni tumsaa jedhaniiru.

Konkolaattoonni kunneen baasii Birrii miilioona 15 oliin kan bitamaan ta’uu aadde Caaltuun himaniiru.

Jamaal Ahimadtu gabaase

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.