Fana: At a Speed of Life!

Oomisha bara 2015f kan oolu xaa’oo biyyoo galchuun eegalame

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC) – Oomisha bara 2015f kan oolu xaa’oo biyyoo Meetirik Toonii kuma 60 alaa galchuun eegalamuu Ministeerri Qonnaa beeksiise.
Bara oomishaa 2015f Xaa’oo biyyoo Meetirik Toonii miiliyoona 1.9 qonnaan bulaaf dhiyeessuuf karoorfamee, bittaan meetirik Toonii miiliyoona 1.2 raawwatamuu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Dooniwwan Xaa’oo biyyoo fe’an Buufata Jiibuutii ga’aa jiraachuu ibsaniiru.
Dhiyeessiin sanyii filatamaa bara baraan dabalamaa jiraatus, fedhii jiruun wal madaaluu hin dandeenya jedhan Dooktar Soofiyaan.
Dhiyeessii sanyii filatamaa fooyyeessuuf filannoowwan garaagaraa hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Bara oomishaa dhufu sanyii filatamaa kuntaala miiliyoona 1.7 qonnaan bulaaf qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Xaa’oo Qonna Ganna dhufuuf oolu baatii 4 keessatti galchanii xumuruuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Qaamolee galteewwan qonnaa hojmaataan ala gurguranirratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu himaniiru.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.