Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi baatiiwwan  7 darbanitti Birrii biiliyoona 196.7 walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)– Ministeerri galiiwwanii baatiiwwan  7 darbanitti Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 96 fi miiliyoona dhibba 7 walitti qabuu beeksise

Galichi rakkoolee garaagaraa keessa darbuun walitti qabamuu Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqa’e Ayyaaleewu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Baatiiwwan kanneenitti % 92.45 milkeessuun danda’amuu kaasniiru.

Galiin argame kan bara darbeen walbira qabamee yoo madaalamu caalmaa Birrii biiliyoona 27 fi miiliyoona 430 qabaachuu fi %16.2n guddachuu  ibsaniiru.

Galiin walitti qabame taaksii biyya keessa fi qaraxaa fi taaksii daldala alaarraa ta’uu addeessaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.