Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa fi Manni Amantaa Kaatolikii damee Finfinnee ijaarsa manneen barnootaaf waliigaltee mallateessan

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)- Naannoon Oromiyaa fi Manni Amantaa Kaatolikii damee Finfinnee ijaarsa proojeektoota manneen barnootaaf waliigaltee mallateessaniiru.

Waliigalticha kan mallateessan Sadarka itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan Kilaasteera Hawaasummaa obbo Abdurhakiim Muluu fi Kaardinaalli Kaatolikii Ityoophiyaa Qulqulluu Birhaana Iyyasuus mallateessaniiru.

Manni Amantaa Kaatolikii naannoo Oromiyaatti deeggarsa adda addaa taasisaa kan ture yoo ta’uu, waliigaltee kanaan manneen barnoota 12 ta’an ijaaruun xumuree walharkaa fuudhiinsa ni taasisa jedhamuu ragaan waajjira Preezdaantii naannoo Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.

Manneen barnootaa kunniin Shawaa Kaabaa,Shawaa Bahaafi magaalota godinoota addaa naannawaa Finfinnee jiranitti ijaaramu jedhame.

Barnoota qulqullina qabu,aadaafi safuu biyyaa barsiisuun dhaloota qaraa turuu isaanii kan kaasanimmoo kaardinaal Biraana Iyyasuusidha. Kanaan dura bmana barnootaa iddoo adda addaatti ijaarsisaa turuu isaanii eeruun ammammoo manneen barnootaa 12 yeroo nuuf kenname keessatti xumurree hojiitti seenna jedhan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.