Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi Gamtaa Afrikaa oolu Doolaarri miiliyoona 11.48 ragga’e

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC) – Komishiniin Gamtaa Afrikaa Fandii Misoomaa Afrikaarraa Deeggarsa Doolaara miiliyoona 11.48 raggaasiseera.
Deeggarsi ragga’e Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaa Ityoophiyaatti gaggeeffamee guyyaa muraasa booda ta’uu ibsameera.
Gamtaan Afrikaa deeggarsa kana bulchiinsa isaa cimsuu fi guddina dhaabbatummaaf kan fayyadamu ta’uu himameera.
Deeggarsichi dandeettii Ajandaa 2063 Komishinii Gamtaa Afrikaa fooyyessuuf qooda qabaachuu himameera.
Itti aantuu dura teessuun Komishinii Gamtaa Afrikaa Dooktar Mooniikaa Nisaanzaabaagaanwaa Preezdaantii Baankii Misoomaa Afrikaa Akkiinwumii Addeesiinaa waliin haala fi qormaatilee dhaabbaticha gara fuulduraatti muudachuu danda’anirratti mari’ataniiru.
Nisaanzaabaagaanwaa deeggarsa taasiifameef galateeffachuun, deeggarsicha Karoora Tarsiimoo, Qindoominaa fi tajaajila kenniinsa Korporeetiif akkasumasa bulchiinsa Proojektiif kan oolchaan ta’uu dubbataniiru.
Fandiin Misoomaa Afrikaa dhaabbilee Komishinii Gamtaa Afrikaa jalatti argaman hedduuf deeggarsa taasiisaa turutu himame.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.