Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti haalli nageenyaa hojiilee misoomaa idilee hojjechiisuu danda’u jira- Biiroo kominikeeshinii naannichaa

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)– Naannoo Amaaraatti haalli nageenyaa hojiilee misoomaa idilee hojjechiisuu danda’u jiraachuu hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaa obbo Gizaachawu Mulunaahi ibsan.

Naannichatti godiinota akka Walloo Kaabaa, Waag Himraa, Goondar Kaabaa fi bakkeewwan garee shororkeessaa ABUTiin weeraramanii turanitti gaaffiin nageenyaa fi bulchiinsa gaarii rakkoo keessa seenee turuu fi yeroo ammaa bakkeewwan muraasarraan kan hafe bilisa ba’anii hojiiwwan idilee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bakkeewwan weerara garechaarraa bilisa ba’anitti nageenyi hojiilee misoomaa fi deebisanii dhaabuu hojjechiisuu danda’u jiraachuu kaasaniiru.

Nageenya argame kana mirkaneessuun haalli hojiilee misoomaa itti hojjetamuu danda’an uumamuu dubbataniiru.

Bakkeewwan garee shororkeessaa ABUTiin weeraramanii turanitti nageenyi akka mirkanaa’uuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Hojiileen Seera mirkaneessuuf hojjetaman dursi kan kennamuuf ta’uu fi rakkoolee nageenyaa bakkeewwan naannichaan waldaangessanitti uumamaniif furmaata laachuuf Preezdaantota naannolee waliin mariin gaggeeffamu ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.