Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad adeemsa haaromsa Masaraa mootii Abbaa Jifaar daawwatan

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad adeemsa haaromsa Masaraa Mootii Abbaa Jifaar daawwataniiru.

Masaraan Mootii Abbaa Jifaar umrii waggaa 144 kan qabu yoo ta’u, bara 2012 eegalee haaromsi taasiifamaafii jira.

Masaraan kun gamoowwan 4 kan qabu yoo ta’uu, Masaraa guddicha, mana jireenyaa maatii, Masjiida hawaasaa fi Masjiida maatiiti.

Haaromsi isaa mana jireenyaa maatiirraa eegaluun yeroo ammaa kutaaleen ciisichaa ijoollee 14 xumuramuu ibsameera.

Kutaaleen darbii 1ffaa Masaraa guddichaa karaa kaabaa fi kibbaa kan xumurame yoo ta’u, kutaaleen biroo hin eegalamne jedhame.

Haaromsi isaa kan eegalame umrii dheerachuu isaan kutaalee masarichaa daraan miidhamanirraa ta’uu eerameera.

Masaraan Mootummaa Abbaa Jifaar bara 1870 ijaarramuun isaa eerameera.

Alaazar Taaddaleetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.