Fana: At a Speed of Life!

Qindoomina biyyoota baha Afrikaa itti fufsiisuuf Doolaarri biiliyoonni 15 ni barbaachisa jedhame

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Qindoomina biyyoota baha Afrikaa itti fufsiisuuf Doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 15 ni barbaachisa jedhame.
 
Biyyoonni Afrikaa shan hidhata diinagdee fi tumsa waloorratti Jibuutiitti mari’achaa jiru.
 
Ministiroonni Maallaqaa Ityoophiyaa, Jibuutii, Eertiraa, Keeniyaa fi Soomaaliyaa hidhata diinagdee, invastimantii fi daldalaarratti mari’achaa jiru.
 
Waltajjiin waloo har’aa kan “Innisheetiivii Gaanfa Afrikaa” waggaa tokkoon dura hundeeffamee fi biyyoota shanan hammatedha.
 
Muuxannoo sadarkaa addunyaarra jirurratti mari’atamaa kan jiru yammuu ta’u, hidhata kana cimsuuf Doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 15 ni barbaachisa jedhaniiru.
 
Bara darbee eegalee geejiba, anniisaa fi bu’uuraalee misoomaa diijiitaalaarratti waliigalteewwan mallatteeffamanii fi sadarkaan hojiirra oolmaa isaanii gamaaggamameera.
 
Ministir deettaan Ministeera Maallaqaa FDRI Dooktar Iyyoob Takkaalliny carraa hojii dargaggootaf uumuun, bu’uuraalee misoomaa diriirsuu fi jireenya naannoo Gaanfa Afrikaa walitti bu’iinsa keessa ture fooyyessuuf tumsaan hojjechuun ni barbaachisa jedhaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.