Fana: At a Speed of Life!

Qorichoonni yeroon tajaajila isaanii irra darbe gara giddu gala biyyaa seenuuf ture to’atame

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Qorichoonni yeroon tajaajila isaanii irra darbee fi eeyyama mirkaneessa qulqullinaa hin qabne gara giddu gala biyyaa seenuuf ture to’atamuu Poolisiin beeksiiseera.

Qorichoonni kunneen Konkolaataa Simintoo fe’e jala dhokfamuun wayita gara giddu gala biyyaa seenuuf ture to’atamuu ibsameera.

Konkolaataan kun wayita karaa Harariin Magaalaa Finfinnee seenuuf yaalu hordoffii taasiifameen Keellaa magaalaa Cirootti to’atamuu Ajajaan Poolisii magaala Ciroo Saajin olaanaan Kaasahuun Baayisaan himaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.