Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Geejibaa gamaaggama nageenya daandiirratti EPTSA waliin mari’ate

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Ministeerri Geejibaa qorannoo gamaaggama nageenya daandiirratti dhaabbata idil addunyaa EPTSA jedhamu waliin mari’ate.
 
Balaa tiraafikaa sababii daandii nageenya isaanii hin eeggatiniin qaqqabu ittisuuf, daandilee filatamanirratti gamaaggama gaggeessun yaadameera.
 
Ministeerichi nageenya daandii fi balaa tiraafikaarratti gamaaggamaa fi qorannoo hojjechuuf dhaabbata Speen EPTSA waliin mari’ateera.
 
Dhaabbatichi kooriidoorii daandii balaan tiraafikaa itti heddummaatu; Adaamaa Awaash, Miillee Gaalaafii, Maqalee Addigiraat, Finfinnee Kombolchaa, Finfinnee Dabra Maarqoos, Finfinnee Naqamtee, Finfinnee Jimmaa, Shaashamannee Sooddoo, Shaashamannee Sooddoo, Shaashamannee Diillaa, daandii kaffaltii Finfinnee Adaamaa dabalatee kiilo meetira kuma 2 irratti qorannaa fi gamaaggamichi hojjetamaa jira.
 
Dhaabbatichi ragaalee viidiyoo fudhachuudhan qorannoo gaggeessera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.