Fana: At a Speed of Life!

Maagaalichatti ogeeyyiin fayyaa Gurraandhala 1 irraa eegalee leenjii gabbina ogummaa fudhachuu qabu jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC)- Maagaalaa Finfinneetti ogeeyyiin fayyaa Gurraandhala 1 irraa eegalee leenjii gabbina ogummaa  fudhachuu akka qaban Abbaan Taayitaa Bulchiinsa To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Magaalichaa beeksise.

Abbaan Taayitichaa kallattii Ministeera Fayyaarraa kaa’ameen ogeessi fayyaa kamuu Gurraandhala 1,2014 irraa eegalee leenjii gabbina ogummaa (CDC) fudhachuu akka qabu ibseera.

Kaayyoon leenjichaa beekumsa ogeeyyii guddisuun tajaajila fayyaa qulqullina qabu hawaasaan ga’uuf ta’uu Abbaa Taayitichaatti Daayrektarri Olaanaan Damee Dhaabbilee fi Ogeeyyii Fayyaa Amdayyasuus Adinawu ibsaniiru.

Dabalataanis ogeeyyiin fayyaa qoramaa ga’umsa isaanii akka beekaniif kan kaayyeffate ta’uu ibsuu isaanii ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.