Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Shimallis Mana Barnootaa Ifaa Boruu magaalaa Gambeellaatti ijaarramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’an

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Mana Barnootaa sadarkaa 2ffaa Ifaa Boruu magaalaa Gambeellaatti ijaarramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.
Manni Barnootaa kun Birrii miiliyoona 79 oliin kan ijaarramuu ta’uu ibsameera.
Preezdaantiin Bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Kan naannoo Gambaallaa obbo Umood Ujuluun har’a magaalaa Gambeellaatti dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.
Manni Barnootaa kun kan ijaarramu fayyadamummaa barnootaa ummata naannolee lamaanii mirkaneessuuf ta’uu obbo Shimallis ibsaniiru.
Waggoottan sadan darbanii as naannolee lamaan gidduutti walitti hidhamiinsi misoomaa cimaa dhufuu Preezdaantiin naannoo Gambeellaa obbo Umood Ujuluun ibsaniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa mana Barumsaa kana ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’uu isaaf galateeffataniiru.
Ijaarsi mana barumsichaa baatii 8 keessatti ijaarramee kan xumuramu ta’uu sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti ibsameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.